Abbaan dhimmaa deddeebii tokko malee akkaataa seeraa fi hoj-maata mootummaan diriirseen tajaajila barbaadu akka argatuuf hojjetamaa jira-biiroo paabliik sarvisiifi misooma qabeenya namaa Oromiyaa

Bitootessa 13/2016(TOI)-Abbaan dhimmaa deddeebii tokko malee akkaataa seeraa fi hoj-maata mootummaan diriirseen tajaajila barbaadu akka argatuuf hojjetamaa jiraachuu biiroon paabliik sarvisiifi misooma qabeenya namaa Oromiyaa ibse

Tajaajila hawaasni barbaadu qulqullinaafi si'oominaan kennuun ittiquufinsa hawaasaa mirkaneessuun bulchiinsa gaarii mirkaneessa. Sirna kenna tajaajila mootummaa qulqulluufi si’ataa ta'e diriirsuun ittiquufinsa hawaasaa mirkaneessuu bira darbee mootummaafi hawaasa jidduutti wal amantaan akka jiraatu taasisa. Kunis, dhimmoota kenninsa tajaajila manneen hojii mootummaa irratti danqaa ta’an hiikuufi tajaajla fedhii hawaasaa guutuu danda’u dhiyeessuun kan dhufudha. Mootummaanis kenna tajaajila manneen hojii mootummaa fooyyessuuf tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachaa jira.

Biiroon Paablik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa rakkoo gama kenna tajaajilaan mul’atu bu’uura irraa furuun hawaasni tajaajila barbaadu kamiyyuu si’oominaafi qulqullinaan deddeebii tokko malee akka argatu hojjetaa jira.

Dhimma kana ilaalchisuun Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaaf addatti ibsa kan kennan Hoogganaa Itti Aanaafi Itti Gaafatamaan Damee Ijaarsa Dandeettii Paablik Sarviisii Biirichaa Obbo Daamxoo Gammachuu akka jedhanitti Naannoo Oromiyaatti rakkoolee kenninsa tajaajila manneen hojii mootummaa keessatti gufuu ta'an hiikuuf tarkaanfiin fudhatamaa jiru cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Rakkoolee kenna tajaajilaa waliin walqabatan hiikuuf kallattii Mootummaan Naannichaa kaa’e bu’uura godhachuun hojiileen hojjetamaa jiran bu’aa fidaa jiraachuu kan eeran Obbo Daamxoon keessumaa kenna tajaajila manneen hojii mootummaa murteessoo ta’an irratti qorannoowwan adda addaa geggeessuufi hawaasa waliin marii taasisuun rakkoolee hudhaa ta’an adda baasuun akka hiikamaniif xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Hooggansi torban keessatti guyyoota abbaa dhimmaa jedhamanii adda ba’an sadan Wiixata, Roobii fi Jimaata waajjira isaatti argamee fuula ifaa fi kabajaan abbaa dhimmaa simatee tajaajila yeroon barbaadu akka kennuu fi hojjetaan mootummaa sadarkaan jiru ammoo Wixataa hanga Jimaataatti bakka hojii isaatti argamuun uummataaf tajaajila kennuu akka qabu kallattiin kennamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Sosochii taasifamuu eegaleenis kurmaana 3ffaa kana keessa miidiyaa OBN waliin sagantaa adda addaa qopheessuun rakkooleen kunneen akka saaxilamaniif hubannoon irratti uumamu akkasumas Biirichi kallattiifi al-kallattiin hordoffii taasisaa jiraachuu himaniiru. Hordoffii taasifamaa jiruunis manneen hojii mootummaa keessatti beellama dheeressuu fi walitti dhufeenya hin barbaachifne uumuun abbaan dhimmaa yeroo dhufetti tajaajilamee akka hin deemne taasisuun rakkoolee bal’inaan mul'atan ta'uu kaasaniiru.

Rakkoo kana saaxiluuf ammoo miidiyaa OBN waliin sagantoota adda addaa qopheessuun hordoffii taasisaa jiraachuu kan himan Obbo Daamxoon kanaanis tajaajilamaa fakkaachuun, to’annoofi hordoffii tasaa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Kanaanis yeroo darbe Magaalaa Shaggar kutaalee magaalotaa irratti hordoffii taasifameen hooggansaa fi ogeessa waajjira taa’ee abbaa dhimmaa hin tajaajille irratti waajjira saamsuun dhimmoonni kun sirrachuu akka qabanis Taaksi Foorsii sadarkaa naannootiif gabaasuun kallattii kennameen, tarkaanfiin garaagaraa fudhatamuu Obbo Daamxoon ibsaniiru.

Hordoffii kurmaana 3ffaa kana keessa taasifameenis tarkaanfiin cimaa fi salphaan hojjetoota 4700 ol irratti fudhatamuu himuun horfoffii cimaa taasisuun tarkaanfiin ammallee kan itti fufu ta'uus dubbataniiru.

Akka waliigalaatti yeroo hojii mootummaa dabarsanii seenuu fi dursanii ba’uu akkasumas sa’aatii shaayii jechuun yeroo abbaa dhimmaa qisaasuu irratti rakkoon kana dura ture yeroo ammaa fooyya’insa kan qabu ta'uun hubatameera. Haata’u malee, ammallee sektaroonni guyyaa abbaa dhimmaatti waajjira cufanii waltajjiirra taa’an, bakka biraa deeman, hojii dirree hojjetaniifi abbaan dhimmaa hiriiree akka dhaabbatu taasisan kan argaman waan jiraniif tarkaanfii fudhachuuf kan dirqaman ta'uu hubachiisaniiru.

Kana malees guyyaa abbaa dhimmaa malee tajaajila hin laannu ilaalchi jedhus mul’achaa waan jiruuf kun bu'uura irraa sirrachuu akka qabu kaasuun dhimma dirqama murtee hooggansaa barbaaduun alatti guyyaan hojii mootummaa hundi guyyaa abbaan dhimmaa tajaajila itti argachuu qabu ta'uu himaniiru.

Sababa hin barbaachifne uumanii beellama kennuun abbaa dhimmaa deddeebisuufi hooggansi guyyaa abbaan dhimmaa itti tajaajilamu balbala cufatee tajaajila kennuu dhiisee taa’uun akka jirus hordoffii taasifameen bira ga'amuu himuun hawaasni keenya akkaataa seeraafi hoj-maata mootummaan diriirseen qofa tajaajila barbaadu argachuu akka qabu dhaamaniiru.

Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015