Imala Haajii baranaatiif amma ammaatti Hujaajonni kuma 10 ol galmaa’aniiru

Bitootessa 12/2016(TOI)- Imala Haajii baranaatiif amma ammaatti Hujaajonni kuma 10 ol galmaa’uusaaniimanni maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa beeksise.

Galmeen imala Haajii kuma 1 fi 445ffaa baranaa Amajjii 27 bara 2016 irraa kaasee raawwatamaa kan jiru yoo ta’u guyyoota muraasa keessatti nixumurama jedhameera.

Imalli Haajii kan jalqabamu Caamsaa 13 bara 2016 akka ta’e odeeffannoon mana maree waliigalaarraa argame nimul’isa.

Mana maree waliigalaa dhimmooya Islaamummaa Itiyoophiyaatti ittigaafatamaan damee Hajjii fi Umraa Sheeh Abdulaziiz Mahaammad TOI waliin turtii taasisaniin, galmee fi tajaajiloonni baranaa bu’aa bahii malee si’aayinaan taasifamaa jira jedhan.

Buufataalee galmee Hajjii fi umraa Kanaan dura ture 18 gara 27tti guddisuun hojmaanni dhiheenyatti galmeessuun danda’amu uumameera jedhan.

Haala Kanaan galmeessuuf ak karoorfame kuma 12 keessaa amma ammaatti hujaajota kuma 10 fi 100 galmessuun akka danda’amee fi guyyoota hafanitti kanneen biroo keessummeessuu akka danda’an eeraniiru.

Hujajonni sirna Haajii raawwatanii amma deebi’anitti tajaajila jiru ilaalchisee tajaajiloonni dijitaalaa odeeffannoo kennan jalqabamuu dubbataniiru.

Miseensi hojii raawwachiisaa mana marihaa doktar Anwaar Musxafaa gamasaaniin, imala Haajjii baranaatiin amma deebi’amuttitajaajilli si’ataa fiteeknooloojiin deeggarame nikennama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015