Itoophiyaan xapha guutuu Afrikaa irratti meedaliyaa Warqee shanaffaa argatte.

137

Bitootessa 11/2016(TOI) - Itoophiyaan xapha guutuu Afrikaa 13ffaa irratti dorgommii tarkaanfii kilomeetira 20 dhiiraan taasifameen atileet Misgaanaa Waaqumaan Warqee shanaffaa argattetti.

Dorgommiidhuma kana gama dubartootaan atileet Sintaayyoo Maasiree meedaaliyaa Meetii argamsiifteetti.

Dorgommii xapha guutuu Afrikaa kanarratti dorgommii meetira kuma 10 kaleessa geggeeffameen atileet Nibirat Galaawu meedaliyaa Warqee, akkasuma atileet Gammachuu Didhaa meedaliyaa Meetii Itoophiyaaf argamsiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015