Itiyoophiyaatti wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin eegumsa naannoo saayinsaawaa ta’e cimuu qaba

153

Bitootessa 11/2016(TOI)- Itiyoophiyaatti wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin eegumsa naannawaa fieegumsa qabeenya uumamaa saayinsaawaan cimuuakka qabu qorataan damichaa  doktar Mangistuu Wubee ibsan.

Doktar Mangistuu Wubee biyya keessaa fi biyyoota addaddaatti barsiisuu fi damee qonnaatiin qorannaa kan taasisan, wabii nyaataarratti qorannoo hedduu kan taasisanii fi kitaabota nama barreessanidha.

Eegumsa naannoo fi dhimmoota walfakkaatoo ilaalchisuun TOI waliin turtii kan taasisan qorataan kun, Itiyoophiyaan sirna misooma ikoo heddumminaa fi lubbeeyyii heddumminaatiin qaxanicha sooruu akka dandeessu  akka dandeessuu kaasaniiru.

Gama Kanaan hojiileen misoomaa waggoota darban gama eegumsa biyyaa fi bishaanii akkasumas sagantaa ashaaraa magariisaatiin raawwatamanfaayidaa olaanaa akka qaban ibsaniiru.

Hojiileen misoomaa kunneen karaa saayinsaawaa fi ittifufiinsa qabuun yoo hinraawwatamne bu’aa barbaadamu fiduun waan hindanda’amneef hojiileen eegumsa naannawaa fi qabeenya uumamaa bifa Kanaan cimuu qabu jedhaniiru.

Sirna barnootaa keessatti barumsa idileen duraarraa kaasee waa’ee eegumsa naannoo barsiisuun akka barbaachisuu fi qoonni dhaabbilee bu’ura beekumsa biyya keessaa gabbachuu qaba jedhan.

Hojii eegumsa qabeenya uumamaa egereef imaammanni eegumsaa fi ittifayyadama lafaa murteessaa ta’uu eeranii, hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii wabii nyaataa mirkaneessuuf qooda olaanaa qau jedhaniiru.

Gara jabinni dhalli namaa qabeenya uumamaarraan gahe isumarratti rakkoolee hedduu uumuusaa kaasaniiru.

Jijjiiramni haala qilleensaa danqaan  wabii nyaataarratti geessise qolachuuf misoomsuun akka jirutti ta’ee, tarsiimoo dhiibbaa damdamachuu danda’u hordofuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Gama Kanaan sagantaaleen misooma Qamadii fi dhaala leemataa mootummaan xiyyeeffannoo addaan raawwachaa jiru abdii guddaa kan kennudha jedhaniiru qorataan kun.

Sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaatiin biqiltuuwwan biiliyoona 25 akka dhaabaman ibsameera.

Sagantaan ashaaraa magariisaa qaama  yaalii Itiyoophiyaan nyaataan ofdanda’uuf taasiftuu ta’uunsaas nibeekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015