Naannoo Gaambeellaatti misooma qonnaa ammayyeessuu fi oomishtummaa guddisuuf hojiilee misooma sululaa cimsuun nibarbaachisa-obbo Gabramasqal Caalaa

153

Bitootessa 11/2016(TOI)- Naannoo Gaambeellaatti misooma qonnaa ammayyeessuu fi oomishtummaa guddisuuf hojiilee misooma sululaa cimsuun  akka barbaachisu ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa obbo Gabramasqal Caalaa ibsan.

Sagantaan sosochii naannichatti misooma sululaa cimsuu dandeessisu hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo bakka argamanitti naannicha godina Anyiwaak aanaa Abaabootti adeemsifameera.

Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa fi qindeessaan garee supparviijinii federaalaa obbo Gabramasqal Caalaa wayita kana hojiileen misooma sululaa naannichatti hojeeffamaa akka jirudaawwannaa taasifameen mirkaneessuun akka danda’ame dubbataniiru.

 Oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii qooda olaanaa akka qabaatu eeranii, damee kana cimsuuf hundi xiyyeeffannoon hojjechuu qaba jedhaniiru.

Bulchaan bulchiinsa naannoo Gaambeellaa obbo Umod Ujuluu gamasaaniin, hojiin qabeenya uumamaa naannichaa eeguu fi kunuunsuun oomishaa fi oomishtummaa qonnaa dabaluuf hojjetamu xiyyeeffannoon kennameeraf.

Misoomni sululaa faayidaa misooma qonnaaf qabuun alatti iddoowwan dhiqaman gara qabiyyeesaanii duraatti deebisuu fi qabeenya bishaanii gabbisuuf faayidaa olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.

Kanaaf sagantaa Kanaan hojiilaa misooma sululaa jalqabaman bu’a qabeessa taasisuuf hawaasa hirmaachisuun akka hojjetamu ibsaniiru.

Hojiilee misooma sululaa waggoota darban hojjetamaniin iddoowwan miidhaan irra gahe qabiyyeesaanii duraatti deebi’uusaanii kan dubbatan ammoo ittigaafatamaa biiroo qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa obbo Ujuluu Luwaal dha.

Baatii bonaa baranaatiin lafa heektaara kuma 40 irratti hojiin eegumsa bishaanii fi biyyoo akka hojjetamu ibsaniiru.

Sagantaan sosochii misooma sululaa kaleessa jalqabamee fi kutaaleen hawaasaa kuma 45 irratti hirmaatan baatii tokkoof akka ittifufu beeksisaniiru.

Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa obbo Gabramasqal Caalaa fi bulchaan bulchiinsa naannichaa obbo Umood Ujuluu dabalatee hooggantoonno olaanoo federaalaa fi naannoo sagantaa sosochii kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015