Wixineen labsii qabiyyeen lafaa ittigadhiifamuu fi beenyaan ittikafalamu koree dhaabbataa dhimmi ilaaluuf qajeelfame

Bitootessa 10/2016(TOI)-Manni maree bakka bu’oota ummataa wixinee labsii qabiyyeen lafaa ittigadhiifamuu, beenyaan ittikafalamuu fi kanneen lafarraa ka’an itti dhaabbatan koree dhaabbataa dhimmi ilaaluuf qajeelche.

 Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 18ffaa har’a taa’eera.

Walgahii Kanaan wixinee labsii fooyyessa qabiyyeen lafaa ittigadhiifamuu, beenyaan ittikafalamuu fi kanneen lafarraa ka’an itti dhaabbatan ilaalchisuun qophaa’erratti marii bal’aa taasiseera.

Barbaachisummaa wixinee labsichaa ilaalchisuun mana maree bakka bu’oota ummataatti ministirri itti waamamaa olaanaa mootummaa obbo Tasfaayee Beeljigee, miseensota mana mareef ibsa taasisaniiru.

Ibsa kanaanis labsichi kanneen misoomaaf jecha lafarraa kaafaman kafaltiin beenyaa barbaachisu raawwachuu akkasumas rakkoo harkifannaa misoomaa furuuf akka ta’e himaniiru.

Wixineen labsii haaraan faayidaa ummataaf jecha hojmaata qabiyyeen lafaa ittigadhiifamu, beenyaan ittikafalamuu fi kanneen lafarraa kaafaman deebi’anii itti dhaabbatan kan si’achiisu ta’uu ibsaniiru.

Wayita hojiileen misoomaa hojjetaman qabeenya tilmaamuun, kafaluu fi kaasuun naannolee fi bulchiinsota magaalaaf kan kennamu ta’uusaas eeraniiru.

Adeemsa hojmaataatiin miira abbummaa uumuu fi sirna hojmaataa si’ataa diriirsuuf akka ta’e ibsameera.

Manni marichaa wixinee labsichaarratti erga mari’atee booda tokko tokkoon akka ilaalamuuf koreewwana dhaabbataa dhimmoota bu’ura misoomaa magaalaa fi geejjibaa fi seeraa fi haqaaf qajeelcheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015