Itiyoophiyaa fi Siwiizarlaand dameelee tumsaa addaddaatiin hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf nihojjetu

437

Bitootessa 09/2016(TOI)- Itiyoophiyaa fi Siwiizarlaand hariiroo dippilomaasii waggoota hedduuf ture dameelee tumsaa addaddaatiin cimsuuf xiyyeeffannoon akka hojjetan ministiroonni dhimma alaa biyyoota lamaanii ibsan.

Ministirri dhimma alaa ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee gitasaanii Siwiizarlaand Itiyoophiyaa daawwachaa jiran Iignaaziyoo Kaasiis waliin hariiroo biyyoota lamaanii akkasumas dhimmoota qaxanaa fi idil addunyaarratti mari’ataniiru.

Ministiroonni biyyoota lamaanii mariin booda ibsa kennaniin, Itiyoophiyaa fi Siwiizarlaand dameelee tumsaa addaddaatiin hariiroosaanii cimsuuf akka hojjetan mirkaneessaniiru.

Ministirri dhimma alaa ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee ibsa Kanaan,  biyyoonni lamaan hariiroo dippilomaasii waggoota dheeraa ture qabu jedhaniiru.

Kaampaaniiwwan Siwiizarlaand hedduun Itiyoophiyaa keessatti invast gochuusaanii eeranii tumsa kana caalaatti cimsuuf waliigalteerra gahamuu ibsaniiru.

Waliigalteewwan Kanaan dura biyyoota lamaan jidduutti taasifaman hojiirra oolchuufis akkasuma.

Gama biraatiin waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa, raawwii komishinii haqa cehumsaa fi maree biyyaalessaa urratticiminaan mari’achuusaaniikaasaniiru.

Ministirri dhimma alaa Siwiizarlaand Iignaaziyoo Kaasiis gamasaaniin, michooma dippilomaasii biyyoota lamaanii cimee akka itti fufu waliigalleerra jedhan.

Itiyoophiyaan misooma, nageenyaa fi tasgabbii Afriikaaf biyya qooda olaanaa qabdu ta’uushee ibsaniiru.

Siwiizarlaand dhimmoota daldalaa, invastimantii fi godaansaarratti Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechaa akka jirtu dubbataniiru.

Daawwannaan kun michooma seena qabeessa Itiyoophiyaa fi Siwiizarlaand yeroo dheeraaf ture ciminaan ittifufuuf kan kaayyeffate ta’uu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015