Gareen hoggantoota mootummaa federaalaa hojii misoomaa Godina Walloo Kibbaatti hojjetamaa jiru daawwate

104

Bitootessa 9/2016 (TOI) - Gareen hoggantoota mootummaa federaalaa Ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Doktar Laggasaa Tulluun durfamu hojiiwwan misoomaa Godina Walloo Kibbaatti hojjetamaa jiran daawwate.

Bu’uura kallattii mootummaan kaa’een sadarkaa biyyaatti hojiiwwan misoomaa fi hooggansa bulchiinsa gaarii naannoolee biyyatiitti hojjetamaa jiranii daawwaana dirree fi hordoofiin hoggantoota mootummaa Federaalaan geggeeffama jira.

Qabeenyaa fi haalota mijatoo naannolee biyyatti hunda keessa jiru karaa sirrii ta’een fayyadamuu akka danda’amuu fi komii ka’aa jiru hawaasa waliin walitti dhiyeenyaan hiikuuf mootummaan hojiilee hedduu hojjechaa jira.

Haaluma kanaan gareen hoggantoota mootummaa federaalaa Ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa doktar Laggasaa Tulluun durfamus hojii misooma godina Walloo Kibbaatti hojjetama jiru daawwateera.

Daawwannaa isaanii kanaanis Misooma Qamadii jallisaa waqtii bonaa, misoomaa fi eegumsa qabeenya uumamaa, hojii sagantaa maaddii Guutuun hojjetaman, Carraa hojii uumuufi hojiiwwan misooma biroo godinichatti hojjetama jiru daawwachuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannoo Amaaraarra agame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015