Tajaajilli elektiriikii Itiyoophyaa haaromsa waliigaltee lakkooftuu waggoota shaniif tajaajilu amma Waxabajjii 30 bara 2016tti dheeresse.

70

Bitootessa 09/2016(TOI)-Tajaajilli elektiriikii Itiyoophyaa haaromsa waliigaltee lakkooftuu amma Waxabajjii 30 bara 2016tti dheeressuusaa ibse.

Dhaabbatichi kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu fi ittigaafatama buusuuf haaromsa waliigaltee kana Sadaasa 1 amma Bitootessa 30 bara 2016tti ture raawwachuuf karoorsee hojii kan eegale.

Haata’u malee haaromsa lakkooftuu kana amma Waxabajjii 20 bara 2016tti dheeressuun barbaachisuusaa daarektarri korporeetii dhaabbatichaa Malaakuu Taayyuu Toi’f kan ibsan.

Haaromsi waliigaltee kun mamiltoota lakkooftuu erga fudhatanii booda waggaa shanii ol ta’a qofa kan ilaallatu ta’uu dubbatanii, haaromsichaaf kafaltiin akka hingaafatamne eeraniiru.

Kanaaf maamiltoonni jiddugaleessa tajaajila elektiriikii isaanitti dhihoo jiru dhaquun yeroo kenname keessatti waliigaltee haaromsaa akka raawwatan waamicha taasisaniiru.

Sadaasa 1 bara 2016 irraa kaasee maamiltoonni kuma 21 ol waliigaltee haaromsuusaanii tajaajilichi ibseera.

Haaromsi waliigaltee kun maamiltoota lakkooftuu qaama hinbeekamneef dabarsan, hanna anniisaa hambisuuf akkasumas rakkoo addaan ciccituu anniisaa salphisuuf akka gargaaru eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015