Riifoormiin Waldaalee Hojii Gamtaa irratti jalqabame cimee itti fufa

86

Bitootessa 9/2016(TOI) - Komishiniin Waldaalee Hojii Gamtaa Magaalaa Finfinnee guduunfaa sosochii marii Waldaalee hojii Gamtaa kutaalee magaalaa hundarraa hirmaachise gaggeessaa jira.

Sosochiin kun mata duree ''Qabeenya Waldaalee hojii gamtaa badiirraa eeguun fayyadamummaa miseensotaafi hawaasaa ni mirkaneessina'' jedhuun gaggeeffamaa jira.

Magaalaa Finfinneetti waldaaleen hojii gamtaa kuma 9 fi 800 oli jiraachuun eerameera.

Riifoormii kanaaf waltajiiwwan marii 192 gaggeeffamuun yaadonni galtee hojii riifoormiif oolan walitti qabamuun himameera.

Keessattuu tajaajila kennamu teeknooloojiin walitti hidhuun bu'a qabeessummaa caaluuf haala itti hojjetamaa jiru irrattis jalqabbiin jiru jajjabeessaa akka ta'e sanada dhiyaate keessatti ka'eera.

Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxirar Abbaay qaala'iinsa gabaa tasgabbeessuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu keessatti gaheen waldaaleen hojii gamtaa qaban guddaa ta'uu himuun, Bulchiinsi Magaalichaa waldaalee hojii gamtaaf deeggarsa taasisaa turuu himaniiru.

Fayyadamummaa hawaasaafi miseensota waldaalee hojii gamtaa cimsuuf riiformiin eegalame cimee itti fufas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015