Guyyaan shamattootaa idil addunyaa Finfinneetti kabajamaa jira

64

Bitootessa 09/2016(TOI)- Guyyaan shamattootaa idil addunyaa 11ffaan mata duree “Waltaanee mirga keenya haakabachiifnu” jedhuun Finfinneetti taa’amaa jira.

Ayyaanichi sadarkaa idil addunyaatti yeroo 41’f Itiyoophiyaatti ammoo yeroo 11ffaaf mata duree “Waltaanee mirga keenya haakabachiifnu” jedhuun qopheessummaa ministeera daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaatiin kabajameera.

De’eetaan ministira daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa Indaalew Mokonnin wayita kana akka jedhanitti, ayyanichi kan kabajamu shamattoonni waa’ee qulqullina, amalaa fi gatii oomishaa bitanii beekuuf mirga akka qabanhubachiisuufi.

Mirgi shamattootaa akka kabajamu mootummaan gamatti tumsa qooda fudhattoota hedduu akka gaafatu eeraniiru.

Waltajjiin har’aa mirga shamattootaa kabachiisuuf shamataa fi mootummaan gamatti tumsa hundaa kan barbaachisu ta’uu hirmaattota waliin waliigaltee uumuuf ta’uu dubbataniiru.

Shamataan oomishoota fi tajaajiloota bu’uraa argachuu,balaarraa eegamuu, odeeffannoo argachuu, filmaata argachuu fi mirgoota biroo akka qabaatu odeeffannoowwan ni’eeru.

 Qaamoleen qooda fudhattootaa fi keessummoonni waamichi taasifameef kabaja ayyaana kanaarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015