Gareen deeggarsaafi hordoffii Jila hooggantoota mootummaa Federaalaa Obbo Addisuu Araggaan durfamu hojiiwwan misoomaa Godina Koonsoo aanaa Kaaraatitti hojjatamaa jiran daawwate.

99

Bitootessa 9/2016(TOI) - Gareen deeggarsaafi hordoffii Jila hooggantoota mootummaa Federaalaa Obbo Addisuu Araggaan durfamu hojiiwwan misoomaa Godina Koonsoo aanaa Kaaraatitti hojjatamaa jiran daawwateera.

Omishaafi oomishtummaa dabaluuf hojiileen sagantaa maaddii guutuun hojjetamaa jiran misoomni Qullubbii diimaafi adii akkasumas misoomni Muuzii daawwatameera.

Daawwannaa kanaanis qonnaan bultoonni caalaatti akka oomishaniif meeshaaleen bishaan lafa jalaa baasuuf oolan akka barbaachisaan garichi taajjabeera.

Hooggantoonni hojii olaanoon federaalaas hojiin hojjatamaa jiru jajjabeessaa ta’uu eeranii misooma jallisii bonee waliin walqabatee caalaatti hojjachuu akka barbaachisuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015