Gareen deeggarsaafi hordoffii jila hooggantoota mootummaa Jiddugala biqiltuun Appilii itti baay'eefamu aanaa naannaawwaa Caanqaatti argamu daawwate.

63

Bitootessa 9/2016(TOI) - Gareen deeggarsaafi hordoffii jila hooggantoota mootummaa Federaalaa Ministira Nageenya obbo Binnaalif Andu'aleemiin durfamu Jiddugala biqiltuun Appilii itti baay'ifamuu fi oomisha Appilii Oyiruu irratti argamu aanaa naannaawwaa Caanqaatti daawwate.

Ministirri Nageenyaa obbo Binnalif Andu'aalem jiddugala biqiltuu Appilii baay'isuu fi ooyiruurratti hojii hojjetameen milkaa'inni gaarii argamuu daawwachuu himaniiru.

Warshaan oomisha Appilii qindeessuu naannawwaa kanatti akka ijaaramu abbootiin qabeenyaa fi dhaabbileen deeggarsa taasisan waliin qindaa'uun hojjechuuf karoorfamuu akka qabus hubachiisaniiru.

Qonnii fi indastiriin dameewwaan waliin qindaa'uun guddatan ta'uu eeranii, galteewwaan dheedhii dhiheesuu cinaatti hojii agiroo piroosesiif xiyyeeffannoon kannamuufii akka qabu ibsuu isaanii ragaan Paartii Badhaadhinarra argame ni mul'isa.

Miseensoonni jilichaas aanichi oomisha qonnaaf humna guddaa kan qabu ta'uu hubachuu ibsanii; Appilii waliin wal qabatee sanyii isaa karaa 'Zoniingii Ispeeshalazidiin' hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Aanichatti lafa heektaara kuma 1 fi 315 irra oomishi Appilii oomishameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015