Dubartoonni miseensoota Raayyaa Ittisa Biyyaa ergama nageenya kabachiisuu keessaatti gahee cimaa bahachaa jiru.

92

Bitootessa 9/2016(TOI) - Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dirqama ergama nageenya kabachiisuu raawwachuu keessatti gaheen dubartoota miseensoota Raayyaa Ittisaa dabalaa jirachuu Birgaader Jeneraala Hulaagareesh Diras beeksisan.

Birgaader Jeneral Hulaagareesh Diras kana kan dubbataan yeroo Manni barnoota kontinjantii Huursoo miseensoota raayyaa ittisaa nageenya eegsisuu irratti leenjisaa ture eebbisiiserrattidha.

Sirna kanarratti dubartoota duula nageenya kabachiisuu irratti hirmaachuuf eebbifama kanaaf muuxannoo isaanii qooduun bu'aa caalmaa qabu akka fidaniif jajjabeessaniiru.

Birgaader Jeneral Hulaagareesh TOI'tti akka himaniitti; Dubartoonni Raayyaa Ittisa Biyyaatti dabalamuun birmadummaa daangaa biyya isaanii kabachiisuu irratti hirmaannaan qabanii fi bu'a qabeesummaan isaanii dabalaa jira.

Kana cinaattis Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergama nageenya kabachiisuu irratti guddina Itoophiyaa fi filatamtummaa ishee guddisuu irrattis gaheen dubartoota dabalaa jira jedhaniiru.

Lakkoofsi dubartoota miseensota Raayyichaa nageenya kabachiisuuf gara Sudaan Kibbaa deemuuf qophaa'an kan yeroo kamiiyyuu caalaa guddachuu akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Kunis dubartoonni Afrikaatti keessayyuu Afrikaa Bahaatti walitti dhufeenya uummatootaa cimsuu fi nageenya kabachiisuu keessatti gaheen qaban dabalaa jirachuu kan mul'isudha jedhaniiru.

Gara fuula duraattis biyya bakka bu'uun nageenya eegsisuuf bakka deemanitti; amala uummatummaa qabaachuun ergamoota biyyaalessaa fi dhaabbatummaa gahumsa olaanaan raawwachuun maqaa gaarii Itoophiyaa ni ijaaru jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015