Meedikaal Kolleejiin Yekkaatiit 12 barattoota 202 digirii jalqabaa fi lammataan barsiise eebbisiise

1495

Bitootessa 07/2016(TOI)- Meedikaal Kolleejiin Yekkaatiit 12 barattoota 202 marsaa 7ffaan leenjise digirii jalqabaa fi lammataan eebbisiiseera.

 Barattoonni kunneen 65 doktaroota waldhaansaa, 49 waldhaantota isoeeshaalistii fi 88 saayinsii fayyaa hawaasaan kan leenji’an ta’uun ibsameera.

De’eetaan ministira fayyaa doktar Ayyalee Tashoomee,, ittigaafatamaan biiroo fayyaa Finfinnee doktar Yohaannis Caalaa, ittigaafatamaan biiroo barnootaa magaalaa Finfinnee doktar Zalaalam Mulatuu fi keessummoonni afeeraman sirna eebbaa kanarratti argamaniiru.

Kolleejichi waggaa 13 dura barumsa ogummaa waldhaansaa kennuu kan jalqabe yoo ta’u, damee Kanaan waggaatti baratoota kuma 1 fi 500 ta’an digiii jalqabaarraa amma sab ispeeshaalistiitti barsiisaa akka jiru odeeffannoowwan nimul’isu.

Kolleejichi waggoota hanan dhufan gara yunivarsiitii kolleejiitti guddachuuf tajaajila waldhaansaa fi damee barumsa Kanaan kennu yeroo yerootti bal’isuu fi ammayyeessuurratti argama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015