Komishiniin marii biyyaalessaa sagantaa jalqabsiisa ajandaa sassaabuurratti marii taasisaa jira

631

Bitootessa 07/2016(TOI)- Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa sagantaa jalqabsiisa ajandaa sassaabuurratti qooda fudhattoota waliin marii taasisaa jira.

Sagantaa jalqabsiisaa kanarratti haasawa kan taasisan komishinariin muummee komishinichaa piroofeesar Masfin Ar’ayaa, mariin biyyaalessaa dhimmoota waliigalteerra hingahamne waliigalteerra akka gahamu hojjechaa jira.

Haala Kanaan Lammiileen Itiyoophiyaa mari’atanii furmaata waloo akka kaa’an hojjetamaa akka jiru yaadachiisaniiru.

Komishinichi hojiileen hirmaattota adda baasuuf sadarkaa aanaatti hojjechaa ture milkaa’inaan raawwachuusaa ibsaniiru.

Mariin biyyaalessaa ijaarsa mootummaaf bu’uura cimaa kan uumudha kan jedhan komishinarichi, yeroo ammaa boqonnaa raawwiitti gala akka jiru dubbataniiru.

Komishinichi hojiilee mariif murteessaa ta’an hojjechaa turuusaa ibsanii, qooda fudhattoonni hedduun irratti hirmaachaa akka turan dubbataniiru.

Kutaalee hawaasaa hedduuf dhimmicharratti hubannoo uumaa turuusaanii beeksisaniiru.

የAdeemsi marii biyyaalessaa biyya dhalootaaf mijatte dabarsuuf akka gargaaru eeraniiru.

Guyyaa har’aas komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa sirna hojmaataa adeemsa jalqabsiisa ajandaa sassaabuu ilaalchisuun qooda fudhattoota waliin mari’achaa jira jedhaniiru.

Ministiroonni, bakka bu’oonni paartilee siyaasaa, qooda fudhattoonni naannolee hundarraa bakka bu’an,bakka bu’oonni hawaasa siviikii fi keessummoonni afeeraman marii kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015