Sagantaan ashaaraa magariisaa bishaan lafa keessaa fi lafarraa akka gabbatan fi nageenyi hidhaawwanii akka eegamu qooda olaanaa bahaa jira

173

Bitootessa 07/2016(TOI)- Sagantaan ashaaraa magariisaa bishaan lafa keessaa fi lafarraa akka gabbatan fi nageenyi hidhaawwanii akka eegamu qooda olaanaa bahaa jakka jiru ministirri bishaanii fi inarjii doktar injiinar Haabtaamuu Ittafaa ibsan.

Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa lamaan biqiltuuwwan biiliyoona 50 dhaabuuf karoorsitee hojjechaa kan jirtu yoo ta’u bara 2011 irraa kaasee biqiltuuwwan biiliyoona 32 tuqaa 5 dhaabamaniiru.

Ministirri bishaanii fi inarjii doktar injiinar Haabtaamuu Ittafaa akka ibsanitti, sagantaan ashaaraa magariisaa burqaaleen sababa jijjiirama haala qilleensaatiin goganii ture akka gabbatan gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Ammi bishaan lafa keessaa fi lafarraa akka dabalu qooda olaanaa bahaa jiraachuun olitti dhiqama biyyoo ittisuun hidhaawwan dalaliin akka hinguutamne taasisuusaa kaasaniiru.

Gama biraatiin sagantaan ashaaraa magariisaa balaa ongee sababa jijjiirama haala qilleensaatiin uumamaa jiru ittisuuf gargaaraa jira jedhaniiru.

Haata’u malee balaawwan ongee naannawoota biyyattii addaddaatti mudatan damdamachuuf mootummaan pirojektoota addaddaa hojeessuu jalqabuusaa dubbataniiru.

Aanaalee biyyattii 80 ol keessatti pirojektoonni bishaan lafa keessaa fi lafarraa ijaaramuusaanii ibsaniiru.

Kana malees mootummaan bishaan dhugaatii qulqulluu lammiileen gahuuf kutannoon hojjechaa akka jiru eeranii, pirojektoonni duubatti harkifatan akka xumuraman xiyyeeffannoo addaa kennuusaa himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015