Dhaabbanni qorannoo fi qu’annoo Itiyoophiyaa hambaalee fi kennaawwan galtee qorannoo fi faayidaa addaddaa qaban fudhate

503

Bitootessa 06/2016(TOI)- Yuunivarsiitii Finfinnee jalatti kan argamu dhaabbanni qorannoo fi qu’annoo Itiyoophiyaa hambaalee fi kennaawwan addaddaa galtee qorannoof faayidaa qaban fudhate.

Dhaabbatichi kanneen kan fudhate namoota biyya keesaa fi alaa addaddaa yoo ta’u, qorannoo seenaa fi agarsiisaaf kan oolan kan bararraa baratti darbandha jedhameera.

Kanneen keessaa saantimoota bara jiddugaleessaa, suuraa fi dokimantoota mootii Hayilasillaasee jalqabaa akkasumas kitaabolee fi meeshaalee biroo fudhateera.

Kennaawwan keessaa albamoota suuraa sadii suuraawwan ogeeyyota suuraa Jarmanoota jaarraa 20ffaa keessa Itiyoophiyaa keessa waggaa dheeraaf jiraataniin kaafamanii fi maalummaa bara Sanaa agarsiisan kan ofkeessaa qaban akkasumas fiilmii bara 1973 waraabamee fi piroofeesara Jarman Niil Munooroon kennaman keessatti argama.

Akkasumas maallaqni/saantimoonni bara jiddugaleessaa 22 kan doktar Huseen Sayidii fi obbo Wandimmaaganyoo Gizaawuun sassaabama, suuraawwan gaazexessaa beekamaa Geetaachoo Tadlaa 65, Paaspoortii fi sanadoonni mootii Hayilasillaasee akkasumas kiitaabonni 300 ol keessatti argamu.

Daarektara dhaabbata qorannoo fi qu’annoo Itiyoophiyaa doktar Taakkalee Mar’iid dabalatee hayyoonni yunivarsiitii bakka argamanitti galma Raas Mokonnonitti sirni walharkaa fuudhiinsaa taasifameera.

Namoota kennaa kana gumaachaniif dhaabbatichi beekamtii kenneera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015