Godina Wallaggaa Lixaatti hojiileen bu’ura misoomaa barnootaa birrii miiliyoona 676’n hojjetamaniiru

173

Bitootessa 06/2016(TOI)- Bara kana godina Wallaggaa Lixaatti birrii miiliyoona 676’n hojiileen bu’ura misoomaa barnootaa hojjetamuusaanii waajjirri barnootaa godinichaa beeksise.

Ittigaafatamaan waajjirichaa obbo Tsaggaayee Immaanaa TOI’f akka ibsanitti, qondoomina mootummaa fi umma godinichaatiin baatiiwwan toorban darban ijaarsi, suphaa, haaromsii dhaabbilee barnootaa fi hojiileen Kanaan walqabatan hojjetamaniiru.

Godinichatti qaqqabiinsaa fi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiilee hojjetaman keessaa manneen barnootaa idileen duraa 149, kutaalee barnootaa 459 fi manneen jireenyaa barsiisotaa ijaaramaniiru.

Kana malees manneen qulqullinaa dubartootaaf tajaajilan 274 ijaaramuu dubbataniiru.

Akkasumas teessoon barattootaa kuma 5 fi 400 guutamuu fi manneen jireenyaa barsiisotaa 767 haaromfamuu obbo Tsaggaayeen ibsaniiru.

“hojiileen bu’ura misoomaa manneen barnootaarratti hojjetaman dhaloota boruu horachuuf akka dandeessisan hubachuun qooda koo bahaan jira” kan jedhan jiraataa aanaa Laaloo Assaabii obbo Tasfaayee Salamoonidha.

Fuulduras yaalii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf taasifamu akka deeggaran mirkaneessaniiru.

Jiraataan magaalaa Najjoo obbo Caalumaa Abdataa hojii manneen barnootaa deebisanii dhaabuuf hojjetaman keessatti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru.

Hojiin naannawasaaniitti hojjetamaa jiran “yaalii qulqullinaa fi guddina barnootaaf mootummaan jalqabame hawaasni yoo itti hirmaate jijjiirama barbaadamu fiduun akka danda’amu bu’agarsiiseera” jedhaniiru.

Hawaasni mootummaa cinaa dhaabachuun dhaloota boruu barumsaan qaruuf sochii taasifamu keessatti ittigaafatamasaa akka bahu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015