Gatiin boba’aa sirreeffamuunsaa kontirobaandiin boba’aa akka hir’atu taasiseera-obbo Gabramasqal Caalaa - ENA Afaan Oromoo
Gatiin boba’aa sirreeffamuunsaa kontirobaandiin boba’aa akka hir’atu taasiseera-obbo Gabramasqal Caalaa

Bitootessa 06/2016(TOI)- Gatiin boba’aa sirreeffamuunsaa kontirobaandiin boba’aa akka hir’atu taasisuusaa ministirri daldaaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa obbo Gabramasqal Caalaa dubbatan.
Ministirichi hojiiwwan ijoo sirna gabaa Itiyoophiyaa ammayyeessuuf hojjetaman ilaalchisuun miidiyaaf ibsa kennaniiru.
Ibsasaaniitiinis kontirobaandiin sirna gabaa alergii fi alaa galu quucarsuun rakkoo ijoo biyyattii akka ta’e dubbataniiru
Keessumaa sochiin kontirobaandii daldaltoonni seeraan alaa beellada, jimaa, midhaan dheedhii fi dibataa irratti taasisan sirna daldala alergiirratti miidhaa geessisaa akka jiru ibsaniiru.
Daldaltoonni seeraan alaa daldala kontirobaandiirratti bobba’an faayidaa hinmalle argachuuf gochaawwan biyyaa fi ummata miidhau raawwachaa akka jiran dubbataniiru.
Kontirobaandiin rakkoo ijoo guddina dinagdee Itiyoophiyaati kan jedhan ministirichi, daldala Itiyoophiyaa alergii fi alaa galurratti miidhaa geessisa jira jedhaniiru.
Sochii kontirobaandii to’achuuf taaski foorsiin dhaabbilee tasgabbii fi Gumurukii ittaanaa ministira muummeen gaggeeffamu gurmaa’ee hojjechaa akka jiru kaasaniiru.
Gtiin boba’aa Itiyoophiyaa kan biyyoota ollaatiin walbira qabamee yoo ilaalamu xiqqaa waan ta’eef Bottee guutuun osoo hinhafiin biyyoota ollaatti geeffamee kan gurguramuuf fi Itiyoophiyaan kan itti rakkachaa turte akka ta’e yaadachiisaniiru.
Fooyyessa gatii boba’aa suutaan taasifameen kan biyyoota ollaatiin walfakkaataa akka ta’u gochuun kontirobaandiin akka hir’atu taasifamuu ibsaniiru.
Ammallee agarsiiftuun kontirobaandii boba’aarratti kan mul’atu ta’us tarkaanfii sirreessaa fudhatameen haalli biyyaa itti bahu hir’achaa dhufuusaa dubbataniiru.
Fuulduras dhiheessii boba’aa karaa ammayyaa bulchuuf ka’umsarraa amma raabsiitti karaa onlaayiniin hordofuuf qophiin taasifamaa akka jiru kaasaniiru.
Sochiiwwan kontirobaandii Itiyoophiyaa keessatti mul’atan dhaabuuf dureeyyiin biyya alaa haala invastimantiirratti hirmaatan uumuuf hojjetamaa jira jedhan.