Hojiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaanii bona hojjenne wabii nyaataa mirkaneessuuf nugargaareera-qonnaan bultoota Gujii

174

Bitootessa 05/2016(TOI)- Hojiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaanii bona hojjetan wabii nyaataa mirkaneessuuf isaan gargaaraa akka jiru qonnaan bultoota godina Gujiii bsan.

Ummanni godinichaa baatiiwwan lamaan darban hojiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaanii birrii miiliyoona 72tti tilmaamamu hojjetamuusaa waajjirri qonnaa godinichaa beeksiseera.

Aanaa Anaasooraatti jiraataan ganda Buliyyoo Hirbaayee Baarettoo hojiin eegumsa biyyii fi bishaanii bardheengaddaa hojjetan abdii akka irraa horatan dubbataniiru.

Biqiltuuwwan dhaaban irra caalaan akka qabatanii fi bona baranaa burqaan osoo hingogiin turuusaanii himaniiru.

Aanichatti jiraataan ganda Raayyaa Boddaa obbo Gammadaa Sooraa akka jedhanitti, sababoota addaddaatiin rakkoon nyaata ba eelladaa deddeebi’ee isaan mudata.

Burqaaleen waan goganiif beelladarratti miidhaan guddaan niqaqqaba jedhaniiru.

Rakkoo kana dura namudaterraa baradheera jedhamii, burqa gabbisuun hojii hidha biyyoo fi qophii biqiltuu ashaaraa magariisaarratti torbanitti guyyaa sadii hirmaachaa akka jiran ibsaniiru.

Waajjira qonnaa godinichaatti dursaan garee qabeenya uumamaa obbo Wandoo Sharbotee baatii Amajjiirraa kaasee godinichatti hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii hojjetamaa jiruun hojiileen birrii miiliyoona 72tti tilmaamamu akka hojjetaman yaadachiisaniiru.

Lafti rakkoo uumamaa fi namtolcheen miidhame heektaara kuma 100 olitti tilmaamamu biqiltuun uwwifamuu fi kutaaleen hawaasaa kuma 133 ol hirmaachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015