Jiddugaleessi haaromsaa fi gabbisa dandeettii dubartootaa tajaajilaaf nibanama- Kantiibaa Adaanech Abeebee

338

Bitootessa 05/2016(TOI)- Jiddugaleessi haaromsaa fi gabbisa dandeettii dubartootaa kaareemeetira kuma 100 irratti kan ijaarame tajaajilaaf akka banamu Kantiibaan bulchiinsa nagaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.

Kantiibaa Adaanech Abeebee odeeffannoo fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin jiddugaleessichi keessuma dubartoota daldala saalquunnamtiirratti bobba’an ofitti fudhachuun deeggarsa ogummaa fi xiin-sammuu, hordoffii fi leenjii akka argatan gohuun hojii akka hojjetan kan taasisu ta’uu eeraniiru.

Marsaa tokkoon dubartoota kuma 10 leenjisuu akka danda’us eeraniiru.

Dubartoonni kunneen turtiisaaniitiin deeggarsa xiin-sammuu argataniin alatti ogummaa miidhaginaa, qonna magaalaa, qophii nyaataa, eegumsa miidhagina magaalaa, ogummaa kompiitaraan laanjii kennuun hojii akka jalqaban nitaasifama jedhameera.

Dabalataanis hojii daa’ima kunuunsuu, keessummeessuu, hojii rifeensaa, elektiriikii fi hojii suphee, hojiiwwan mukaa hojii uffata hodhuu fi dameelee hojii birootiin leenjii kennuun hojii akka jalqaban nitaasifna jedhaniiru.

Jiddugaleessichi kutaalee ciisichaa, mana kitaabaa, jiimnaaziyeemii,galmoota nyaataa mijaawaa, mana nyaanni itti qophaa’u ammayyaa, jiddugaleessa waldhaansaa ammayyaa akka qabu ibsameera.

Pirojektiin guddaan kun bakka shaakallii fi Jiddugaleessa hojjetanii itti agarsiisan, laawundarii, jiddugaleessa oolmaa fi kunuunsa daa’immanii, kutaa hordoffii fi ga’ummaa guddinni sammuu daa’immanii itti hordofamuu akkasumas dirreewwan ispoortii kan qabudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015