Taphoonni piriimer liigii Itiyoophiyaa toree 18ffaa har’a jalqabamu

166

Bitootessa 05/2016(TOI)-Sagantaan piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 18ffaa taphoota lama har’a taphatamaniin ni’eegala.

Tapha Istaadiyeemii Dirreedawaatti taasifamu Kanaan magaalaan Bahaardaar buna Itiyoophiyaa waliin guyyaa keessaa sa’aatii 10tti nitaphatu.

Magaalaan Bahaardaar taphoota piriimer liigii shan walitti aansuun taphateen lama mo’atee lama mo’atamee altokko ammoo walqixa baheera.

Qabxii 26’n sadarkaa 6ffaarratti argama.

Morkataansaa Bunni Itiyoophiyaa taphoota piriimer liigichaa shan walitti aansuun taphateen sadii mo’atee altokko mo’ameera.

Bunni Itiyoophiyaa qabxii 29’n sadarkaa 4ffaarratti argama.

Tapha torbee 18ffaa jalqabaa biraatiin Hambarichoo Duraamee magaalaa Adaamaa waliin magaalaa Adaamaa waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu.

Hambarichoo duraamee hirmaannaasaa jalqabaa Kanaan tahoota piriimer liigii shan walitti aansuun taasiseen afur mo’amee altokko walqixa baheera.

Qabxii 7’n sadarkaa xumuraa 16ffaa irratti argama.

Morkataansaa magaalaan Adaamaa taphoota piriimer liigii shan walitti aansuun taphateen altokko mo’atee tokko mo’atamee sadii walqixa baheera, Qabxii 24’n sadarkaa 8ffaarratti argama.

Boru guyyaa keessaa sa’aatii 10tti magaalaan Dirreedawaa magaalaa Hawaasaa,liigicha dursaa kan jiru baankiin daldala Itiyoophiyaa sadarkaa sadaffaarra kan jiru Machaal waliin galgala sa’aatii 1tti  nitaphatu.

Taphni torbee 18ffaa amma Bitootessa 8 bara 2016tti nitura.

Baankiin daldala Itiyoophiyaa qabxii 36’n liigicha dursaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015