Hawaasni kiristaanaa yeroo sooma guddicha hordoftoonni amantichaa sooman soomuu lammilee rakkoo keessa jiranii yaadachuu fi waan qabu waliin qooddachuun ta'uu qaba

Bitootessa 1/2016(TOI)- Hordoftoonni amantaa kiristaanaa yeroo sooma guddicha hordoftoonni amantichaa sooman sooman lammilee rakkoo keessa jiranii yaadachuu fi waan qabu waliin qooddachuun kabajuu akka qabu mana amantaa kirstaanaa Ortodoksii Itoophiyaatti Phaatiryaarikiin qulqulluu Abuna Maatiyaas hubachiisan

Qulqulluu Abuna Maatiyaas hordoftoota mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaa biratti  sooma bor eegalamu ilaalchisuun ergaa dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin soomni akkatti cubbuu fi daabiloos akka itti injifannu karaa gooftaan keenya nu barsiise jechuu isaanii EBC'n gabaaseera.

Soomni riqicha waaqayyoo waliin itti walqunnama ta'uu eeranii hawaasni kiristaanaan ji'oota sooma kana caalaatti hojii gaarii hojjechuun dabarsuu qabu jedhaniiru.

Hawaasni kiristaanaa sooma kana yeroo soomu sababa adda addaan lammilee rakkoo keessa jiraniif yaaduu fi waan qaban waliin qooddatanii dabarsuu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015