Ganna dhufu naannoo  Oromiyaatti biqiltuun fuduraa miiliyoona 500 nidhaabama

161

Guraandhala 29 / 2016(TOI)- Sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufuutiin naannoo  Oromiyaatti biqiltuun fuduraa nyaata namaaf oolu miiliyoona 500 akka dhaabamu biiroon qonnaa naannichaa ibse.

Akka biyyaatti biqiltuun akaakuu addaddaa biiliyoona 6 tuqa 5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru beekameera.

Hoogganaan biiroo qonnaa naannichaa obbo Geetuu Gammachuu  akka jedhanitti, ganna dhufu ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan addaddaa dhaabuuf qophiin taasifamaa jira.

Biqiltuu ganna dhifu dhaabuuf karoorfame keessaa amma ammaatti dhibbantaan 80 ol eeranii, biqiltuu fuduraaf xiyyeeffannoon kennamuu dubbataniiru.

Avokaadoo, appilii, maangoo, burtukaana fi anaanaasii akkasumas barana yeroo jalqabaaf biqiltuun temirii akka dhaabamu qophiin taasifamuun beekameera.

Sagantaa baranaatiin fuduraan nyaataaf oolu miiliyoona 500 akka dhaabamu ibsameera.

Biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman haala qilleensaa akka eeganii fi biyyoo fi bishaan akka eegan dubbataniiru.

Biqiltuun ganna darbe Harargee bahaa sulula gaara Giileerratti dhaabame guutummaatti qabachuu ibsanii bakkeewwan biroottis haala gaariirra akka jiru dubbataniiru.

De’eetaan ministira qonnaa piroofeesar Iyyaasuu Eliyaas gamasaaniin barana akka biyyaatti biqiltuu biiliyoona 6 tuqaa 5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Amma ammaatti biqiltuun biiliyoona 4 tuqaa 8 fi lafti heektaara miiliyoon 1 tuqaa 8 qophaa’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015