Shaampiyoonaa mana keessaatiin Itiyoophoiaan Afriikaarraa tokkoffaa addunyaarraa shanaffaa ta’uun xumurte

214

Guraandhala 25/2016 (TOI)- Atileetiksii addunyaa 19ffaa Shaampiyoonaa mana keessaatiin Itiyoophoiaan Afriikaarraa tokkoffaa addunyaarraa shanaffaa ta’uun xumurteetti.

Shaampiyoonaan addunyaa 19ffaa mana keesdsaa Skootlaand Gilaaskootti adeemsifamaa ture kaleessa galgala xumurameera.

Atileetinni biyyoota addaddaarraa walitti dhufan 650 ol dorgommiharratti kan hirmaatan yoo ta’u, Itiyoophiyaan meetiras 800’n meetira 1500 fi meetra 300’n dubartoota 8 fi dhiirota 5’n walumaa gala atileetota 13’n hirmaatteetti.

Shaampiyoonaa Kanaan Itiyoophiyaan meetira 800 dubartootaanTsiggaa Dhugumaa fi meetira 1500 dubartootaan Fireewayinii Hayiluu meedaaliyaa Warqee argataniiru.

Meetira 3000 dubartootaan Gudaaf Tsaggaayee meedaaliyaa meetii akkasumas meetira 3000 dhiiraan Salamoon Baaraggaa Itiyoophiyaaf meedaaliyaa Naasaa argamsiisuusaaniiodeeffannoon federeeshinii atileetiiksii Itiyoophiyaa nimul’isa.

Itiyoophiyaan shaampiyoonaa Kanaan Warqee  lama Naasa tokkoo fi Meetii tokkoon walumaa gala meedaaliyaa afuriin Afriikaarraa tokkoffaa addunyaarraa shanaffaa bate xumurteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015