Godina Gujiitti dargaggoota kuma 41 fi 702’f carraan hojii uumameera-waajjiricha - ENA Afaan Oromoo
Godina Gujiitti dargaggoota kuma 41 fi 702’f carraan hojii uumameera-waajjiricha

Guraandhala 20/2016 (TOI)- Godina Gujii dargaggoota magaalaa fi baadiyyaa jiraatan kuma 41 fi 702’f carraan hojii uumamuusaa waajjirri dandeettii ogummaa fi carraa hojii beeksise.
Waajjirichatti ogeessi odeeffannoo obbo Geetuu Dageellaa TOItti akka himanitti, bara kana dargaggoota kuma 69 fi 463 jalqabsiisuuf karoorfamee hojjatamaa jira.
Baatiiwwan toorban darban aanaalee 13 keessatti dargaggoota kuma 41 fi 702 waldaalee kuma 2 fi 442 jalatti gurmaa’aiif carraan hojii uumamuusaa eeraniiru.
Kanneen keessaa kuma 11 fi 55 dubartoota ta’uusaanii dubbataniiru.
Akkasumas dargaggoonni dhaabbilee barnootaa olaanoorraa eebbifaman kuma 3 fi 42 akka keessatti argaman himaniiru.
Carraan hojii kan uumame damee industirii xiqqaa, qonnaa, daldala, ijaarsa, tajaajila, albuuda barbaaduun ta’uu dubbataniiru.
Dargaggoonni kunneen birrii qusatan miiliyoona 7 olii fi liqii baankiin Siinree kenneef miiliyoona 13 fi kuma 42’n hojii jalqabuusaanii dubbataniiru.
Dargaggoota baadiyyaatti argamaniif bakka itti oomishan heektaara 900 ol akkasumas dargaggoota magaalaaf sheediiwwan 99 kennamuusaa ibsaniiru.
Godinichatti jiraataan aanaa Aagaa Wayyuu ganda Booree Obbiittii dargaggoo Tokkummaa Zannabaa Yuunivarsiitii Bulee Horaarraa damee barnootaa qabannaa galmee eerragaan eebbifamuusaa ibseera.
Dargaggoota 20 waliin gurmaa’uun dhagaa fi cirracha dhiheessaa akka jiru dubbateera.
Dargaggoon ganda kanaa Xaddacha Baallii dargaggoota 16 waliin gurmaa’ee Wargee karaa aadaa oomishaa akka jiru dubbateera.
Lafa oomishaa heektaara tokko mootummaan nuuf kennerratti hojjechaa jirra jedheera.