Konkolaattota ulfaatina hayyamame ol fe’an irratti adabbii madaalu hojiirra oolchuuf qorannoon gaggeeffamaa jira

Guraandhala 19/2016 (TOI) - Konkolaattota ulfaatina hayyamame ol fe’uun bu'uuraalee misoomaa kanneen akka daandii fi nageenyaarratti miidhaa geesisaan irratti adabbii madaalu hojiirra oolchuuf qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu Bulchiinsi Daandiwwan Itoophiyaa beeksise.

Daandiin qabeenyaa uummataa fi mootummaan baasiin hedduun itti bahee ijaaraman sababa adda addaan yeroo tajaajila kennuu qabaaniin alatti miidhaan cimaa irra gahaa jira.

Wantoota bu’uuraalee daandii miidhuu fi yeroo tajaajila isaa gabaabsan keessaa tokko fe’iinsa heeyyamameen ol konkolaanni fe'an durasarratti kan eeramauu danda'udha.

Sababa kanaan mootummaan waggaa waggaan suphaa daandii irratti maallaqa guddaa baasuuf dirqama.

Bulchiinsi Daandiiwwan Itoophiyaa hanga hayyamame ol fe’uun qabeenya daandii irratti miidhaa gama kanaan gahu ittisuuf madaallii ulfaatinaa hanga konkolaatoonni fe'anii magaaloota 14tti dhaabeera.

Bulchiinsa Daandiiwwan Itoophiyaatti daayreektarri bulchiinsa qabeenya daandii fi bulchiinsa neetworkii Injinar Nuriyee Mohaammad; Sababa konkolaattota gurguddoo fe'umsa heyyamameen ol fe'aniin miidhaan bu'uuralee misoomaa daandiirra gahaa jiru yeroo gara yerootti dabalaa jira jedhaniiru.

Daandiiwwan waggoota dheeraaf tajaajila kennuudhaaf baasii guddaadhaan ijaaraman osoo miidhamuu qabeenyi ummataa fi mootummaa qisaasamaa jiraachuu himaniiru.

Akka fakkeenyaatti, bara bajataa 2016tti suphaa daandii kiiloo meetira kuma 16'f ramadamuu himaniiru.

Yeroo ammaa adabbiin konkolaatoota hanga fe'umsaa heeyyamameef olii fe'an xiqqaa waan ta'eef adabbii madaaluu hojiirra oolchuuf qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015