Badhaasaafii beekamtiin kabajaa Ministirri Muummee FDRI Dr.Abiy Ahmad ummata Baaleetiif kennan imaanaa dabalataa ta'uu jiraatoonni godinichaa himan

Guraandhala 18/2016(TOI) -Badhaasaafii beekamtiin kabajaa Ministirri Muummee FDRI Dr.Abiy Ahmad ummata Baaleetiif kennan imaanaa dabalataa ta'uu jiraatoonni godinichaa himan

Fardi Ministeerri Muummee Dr. Abiy Ahmad Ummata Baaleetiif gumaachan magaalaa Roobeetti har'a simatameera.

Fardi jiruufi jireenya uummata Oromoo keessatti iddoo olaanaa kan qabuudha.

Keessattuu Fardi Oromoon diina isaa kan ittiin waraanu, gaddaafi gammachuu isaa kan ittiin ibsatuudha.

Kanuma bu'ura godhachuun Muummeen ministera FDRI Dr. Abiy Ahmad kennaa ol'aanaa gootaaf kennamu ummata Baaleetiif kennaniiru.

Sagantaa simannaa kanarratti argammuun haasa'a kan taasisan Bulchaan Godina Baalee Obbo Abdulhakiim Aliyyii ergaa dabarsaniin Ministirri Muummee kennaa Oromoo biratti iddoo guddaa qabu ummata Baaleef kennuun isaanii kabajaafi ulfina ummatichaaf qaban qabatamaan kan dhugoomseedha jedhaniiru.

Ummanni Baalee hojiilee misoomaa fii nageenyaa galmaahan keessatti gumaacha guddaa taasisaa turuu yaaddachiisan.

Jijjiiramni imala badhaadhinaa jalqabame akka galma gahuuf kennaan Ministirichaa humna dabalataa ta'uu hubachuun hunduu tumsuu akka qabu dhaaman.

Bakka bu'aan Pirezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa fii Itti gaafatamaan waajjira Pirezidaantii naannichaa Dr. Abdulaziiz Daa'ud gama isaaniitiin wareegamni qabsoo walqixxummaa qabsaahota Baalee kaleessaa firii horatee ilmaan isaanii har'aa beekamtii ol'aanaaaf geessisuu dubbatan.

Badhaasni kabajaa ummata Baaleetiif kenname imaanaa dabalataa ta'uu hubachuun carraaqqii biyya ceesisuuf taasifamu keessatti gumaacha isaanii akka bahan dhaamanii jiru.

Ummanni Baalees kennaa kabajaa Ministirri Muummee fi pirezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo shimallis Abdiisaatiif kennanii jiru.

Sagantaa simannaa hiriira deeggarsaatiin kabajame kanarratti bakka bu'oonni Ummata Godinoota Baalee lamaanii fii bulchiinsa magaalaa Roobee argamanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015