Obbo Ashaadlii Hasan hooggantoota addaddaa muudan - ENA Afaan Oromoo
Obbo Ashaadlii Hasan hooggantoota addaddaa muudan

Guraandhala 18/2016(TOI)-Bulchaan bulchiinsa naannoo Beeniishaangul Gumuz Obbo Ashaadlii Hasan guyyaa har’aa hooggantoota addaddaa muudaniiru.
Haala Kanaan,
- Obbo Asir Ibraahiim – ittigaafatanaa biiroo daldalaa fi misooma gabaa naannichaa,
- Obbo Aljalii Muusaa-daarektara olaanaa miidiyaa naannichaa,
- Obbo Biraanii Ayyehu-gorsaa seeraa bulchaa bulchiinsaa,
- Obbo Baqqalaa Anbassaa-gorsaa seeraa bulchaa bulchiinsaa,
- Obbo Asmaamaawu Abshook-ittaanaa hoogganaa biiroo haqaa naannichaa,
- Obbo Abdulkariim Muusaa - biiroo qonnaa naannichaatti ittaanaa ittigaafatamaa damee misooma qabeenya uumamaa naannichaa,
- Obbo Luqumaan Abdulqaadir – hoogganaa abbaa taayitaa eegumsa qabeenya bosonaa naannoo fi jijjiirama qilleensaa,
- Obbo Huseen Hasan- Biiroo industirii fi Invastimantiitti ittaanaa ittigaafatamaa damee invastimantii,
- Obbo Ahimad Muusaa – naannoo Beeniishaangul Gumuzitti ittaanaa bulchaa bulchiinsaa godina Asoosaa ta’uun muudamuusaanii odeeffannoon komunikeeshinii naannichaa nimul’isa.