Shaampiyoonaa Atileetiksii qaxxaamura biyyaa Afriikaatiin Itiyoophiyaan lammaffaa baatee xumurte

256

Guraandhala 18/2016 (TOI)- Shaampiyoonaa Atileetiksii qaxxaamura biyyaa Afriikaa 6ffaa Tuuniiziyaa Hamaamaatitti adeemsifameen  Itiyoophiyaan lammaffaa baatee xumurte

Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni 11 shaampiyoonaa kanarratti hirmaataniiru.

Itiyoophiyaan dubartootaa shamarree kiiloomeetira 6, dargaggoo dhiiraan kiiloomeetira 8, ga’eesota dhiiraa fi dubartii kiiloomeetora 10 fi riilee walmakaa walumaa gala atileetota 28’n hirmaateetti.

Dorgommii Kanaan dhuunfaa fi gareen Warqee 2, meetii 5 fi naasa 3’n walumaa gala meedaaliyaa argachuun lammaffaa ta’uun xumuruushee odeeffannoon federeeshinii Atileetiiksiirraa argame nimul’isa.

Dorgommii Kanaan Keeniyaan tokkoffaa bahuun xumurteetti

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015