Kutaa magaalaa Boolee fi Aqaaqiitti waltajjiin marii hawaasaa geggeeffama jira - ENA Afaan Oromoo
Kutaa magaalaa Boolee fi Aqaaqiitti waltajjiin marii hawaasaa geggeeffama jira
Guraandhala 17/2016(TOI) -Kutaa magaalaa Boolee fi Aqaaqiitti waltajjiin marii hawaasaa geggeeffama jira
"Imaalaa qabeenyaa uumuuf guufuu ta'anii fi kallatti gara fuula duraa" mata duree jedhuun kutaalee magaalaa lamaanitti mariin kun geggeeffama kan jiru.
Kutaa magaalaa Aqaaqiitti waltajjii marii geggeeffamaa jiru irratti miseensa koree hoji raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi pirezidaantii naannoo Affaar obbo Awwal Arbaa Miseensa koree hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi mana maree bakka bu'oota uummataatti ministira itti waamamaa mootummaa obbo Tasfaayee Beeljigee, hoggantoota kutaa magaalichaa, abbootii amantaa, ogeeyyii aartii fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa hirmaataniiru.
Waltajjii kanarratti hawaasni rakkoo gama siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee irratti xiyyeeffatan gaafateera.
Gaaffii hawaasni kaasu kana sadarkaa sadarkaan deebisuuf kan hojjetamu ta'uu hoggantoonni mootummaa marii kanarratti himaniiru.