Dargaggoota naannoo Oromiyaatti gurmaa’anii hojiitti galaniif walitti hidhamiinsa gabaa birrii biiliyoona 14 ol uumameera

Guraandhala 15/2016(TOI) Baatiiwwan toorban darban dargaggootaa naannoo Oromiyaatti waldaan gurmaa’anii hojiitti galanii fi intarpiraayizootaaf walitti hidhamiinsi gabaa birrii biiliyoona 14 ol uumamuusaa biiroon carraa hojii uumuu fi dandeettii ibse.

Naannichatti lafti qonnaa heektaara kuma 87 ol dargaggoota hojii hinqabneef kennamuun ibsameera.

Itti aanaan ittigaafatamaa biiroo carraa hojii uumuu fi dandeettii naannichaa bbo Kaasaahuun Golgaa TOI’f akka ibsanitti, bara bajatichaatti dargaggoota miiliyoona 2 tuqaa 5’f carraa hojii uumuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Baatii toorban darbe dargaggoota miiliyoona 1 tuqaa 5’f carraan hojii dhaabbataa uumameera.

Kunis qonnaa, tajaajila, misooma albuudaa, kanniisa horsiisuu, horsiisa beelladaa, horsiisa lukkuu, maanuufaakchariingii fi industirii godoo carraa uumame ta’uu ibsanii, dameen qonnaa qooda olaanaa qaba jedhan.

Carraa hojii uumameen kanneen hojiitti galaniif walitti hidhamiinsi gabaa birrii biiliyoona 14 ol akka uumameef eeraniiru.

Karoora waggaa milkeessuuf baatii hafanitti lammiilee miiliyoona tokko ta’an hojiitti galchuuf tumsi taasifamaa akka jiru ibsaniiru.

Bakka bu’aan waajjira kilaastaraa misooma baadiyyaa naannichaa obbo Daanyee Mokonnin gamasaaniin, misoomni midhaanii fi bunaa, kanniisa horsiisuu, horsiisa loonii fi lukkuu, eegumsii fi kunuunsi naannoo fi  kkf dameelee misooma kilaastara baadiyyaa jalatti carraan hojii itti uumamu keessaa ta’uu ibsaniiru.

Ladti hojii qonnaa fi horsiisaa beelladaan oolu heektaarri kuma 87 ol dargaggoota hojiitti galaniif kennamuusaa eeranii, gaagurri kanniisaa ammayyaa fayyadamtootaaf raabsamaa akka jiru himaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira kilaastara magaalaa naannichaa obbo Mulugeetaa Gabrahiwoot gamasaaniin, magalootatti wabii nyaataa mirkaneesuuf, dandeettii gabbisuu fi intarpiraayizoota

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015