Magaalaa Finfinneetti barattoonni kutaa 6ffaa fi 8ffaa qormaata guutuu magaalaaf akka qophaa’an taasifamaa jira

Guraandhala 15/2016(TOI)- Biiroon barnootaa Magaalaa Finfinnee barattoonni kutaa 6ffaa fi 8ffaa qormaata guutuu magaalaaf akka qophaa’an xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ibse.

Itti gaafatamaan biirichaa doktar Zalaalam Mulaatuu, kallattii ministeerri barnootaa kennurratti hundaa’uun qormaanni kutaa 6ffaa fi 8ffaa guutuu magaalaa Jalqaba baatii Waxabajjii dhufuutti akka kennamu dubbataniiru.

Haala Kanaan bara kana Finfinneetti barattoonni kutaa 6ffaa kuma 86 fi 691 akkasumas batattoonni kutaa 8ffaa kuma 88 fi 28 qormaata guutuu magaalaa niqoramu jedhamee akka eegamu dubbataniiru.

Barattoonni beekumsa akka horatanii fi qormaata Kanaan qabxii gaarii akka galmeessisan dandeettiisaanii cimsuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Bara darbe sirni barnootaa wayita jijjiiramu qophii fi maxxansa kitaabaarratti harkifannaan akka ture yaadachiisanii, rakkoon kun barana furamuusaa ibsaniiru.

Barnoota idileen cinaatti dandeettii barattootaa gabbisuuf Sanbataa fi Dilbata akkasumas sa’aatii barnootaan alatti barumsi kennamaafii akka jirueeraniiru.

Dabalataanis qormaatota moodalaa qorumsaaf deeggaran qopheessuun hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Barattoonni qormaatichaaf ga’oomaa akka ta’an xiinsammuun qopheessuu fi walirraa hojjechuu bilisa akka ta’an hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Naamusaa fi qabxiin barattootaa akka fooyya’u maatiin qooda olaanaa akka qabaatan eeranii, mana barnootaatti erguun alatti wantoota barnootaan walqabataniin akka dabarsan deeggaruu qabu jedhan.

Yeroosaanii bilbilaa fi teeknooloojii biraarratti dabarsan akka hir’atuu fi barnootarratti akka xiyyeeffatan ittigaafatamasaanii akka bahan gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015