Mariin Seeraqabeessummaa idil addunyaa waliigaltee Itiyoophiyaa fi Somaaleelaand jidduutti mallatteeffame irratti xiyyeeffate taa’amaa jira

Guraandhala 15/2016(TOI)- Mariin inistiitiyuutii haqaa fi seeraa federaalaan qophaa’ee Seeraqabeessummaa idil addunyaa waliigaltee Itiyoophiyaa fi Somaaleelaand jidduutti mallatteeffame irratti xiyyeeffate taa’amaa jira.

Pirezidaantiin itti aanaa mana murtee waliigalaa federaalaa Ababaa Imbi’aalee, daarektarri olaanaa inistiitiyuutichaa ambaasaaddar Daggifee Bulaa, hooggantoonni dhaabbilee haqaa akkasumas keessummoonni waamaman waltajicharratti hirmaachaa jiru.

Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii haqaa fi seeraa federaalaa ambaasaaddar Daggifee Bulaa dhaabbatichi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun dhimmoota faayidaa biyyaa kabachiisan irratti qorannoo akkasumas hubannoo akka uumu ibsaniiru.

Kaayoon waltajjichaa seera qabeessummaa idil addunyaa waliigaltichi qabaatuu ilaalchisuun hubannoo uumuu akka ta’e dubbataniiru.

Barreeffamni ka’umsaa seera qabeessummaa idil addunyaa waliigaltee Itiyoophiyaa fi Somaaleelaand jidduutti mallatteeffame irratti xiyyeeffate dhihaatee mari’atamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015