Ambaasaaddar Tsigaab Kibaboo hooggantoota oaanoo dhaabbata mootummaa fi Ostiiyaa waliin mari’atan

Guraandhala 15/2016(TOI)- Siwiizarlaand Jenevaatti ergamaan dhaabbataa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Tsigaab Kibaboo hooggantoota oaanoo dhaabbata mootummaa fi Ostiiyaa waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Tsigaab hooggantoota waliin dameelee gamlamee fi tumsaa addaddaarratti kan mari’atan yoo ta’u, daarektara olaanaa ejensii atoomiik inarjii idil addunyaa Miister Raafaa’eel Maariyaanoo Giroosii waliinis mari’ataniiru.

Oduu biraatiin Ostiriyaatti kutaa Afriikaa, dhimmoota Awurooppaa fi idil addunyaaministira federaalaa Roobart Ziiyaach waliin dhimmoota gamlamee fi dippilomaasii Itiyoo-Ostiriyaa irratti mari’ataniiru.

Itti aansuunis Ambaasaaddar Tsigaab Kibaboo dhaabbata mootummootaatti daarektara biiroo baala sammuu hadoochuu fi balballoomsa imaammataa fi kutaa dhimmoota ummataa Jiyaan Luuk waliin mari’ataniiru.

Marii kanaanis haala yeroo Itiyoophiyaa, ittifufiinsa pirojektoota misoomaa, tumsa Itiyoo-Ostiriyaa fi tumsa dhaabbilee idil addunya haala cimanirratti irratti mari’achuunsaanii ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015