Fooramiin magaaloota Itiyoophiyaa muuxannoo qooddachuurra darbee hariioo jidduu keenyatti akka cimsinu nugargaareera-hirmaattota

Guraandhala 15/2016(TOI)- Fooramiin magaaloota Itiyoophiyaa 9ffaan muuxannoo qooddachuurra darbee hariioo jidduu keenyatti akka cimsinu nugargaareera jedhan hirmaattonni fooramichaa.

Fooramiin magaaloota Itiyoophiyaa 9ffaan mata duree “magaaloonni ammayyaan badhaadhina Itiyoophiyaaf” jedhuun magaalaa Walaayittaa Sooddootti kabajameera.

Hirmaattota fooramichaa keessaa jiraataan magaalaa Adaamaa obbo Andu’alam Xilaahuun TOI’f akka ibsanitti, fooramiin magaaloota Itiyoophiyaa ummattoota naannolee addaddaa waliin obbolummaa uumuuf isaan gargaareera.

Waliif tumsuu, waldeeggaruu fi ida’amuun badhaadhina biyyaa si’achiisuuf carraa mijataa akka uumu ibsaniiru.

Fooramichi magaalaa Adaamaa magaaloota biroof beeksisuu fi kanneen biraarraa muuxannoo qooddachuuf carraa uumuusaa obbo Andu’alam dubbataniiru.

Turtii fooramii Kanaan hojiilee klaqaa, muuxannoolee, kennaa invastimantii, qabeenya tuurizimii akkasumas duudhaalee seenaa fi aadaa hirmaattota magaaloota addaddaarraa dhufaniif beekisuusaanii dubbataniiru.

Hirmaataan naannoo Amaraa magaalaa Dseerraa hirmaatan obbo Biraanuu Gabayyoo gamasaaniin, magaaloonni tajaajila ammayyaa kennuu jiraattotaaf akka mijatan fooramichi faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru.

Fooramichi walitti dhufeenya ummattootaa kan cimse wan ta’eef nageenya waaraa fi misooma biyyaaf faayidaa olaanaa qaba jdhan.

Naannoo kibba Itiyoophiyaa magaalaa Boddittiirraa kan dhufa obbo Taarraqany Mangistuu fooramichi jireenyi dinagdee fi hawaasummaa ummattootaa akka mirkanaa’u fooramichi faayidaa olaanaa qaba jedhan.

Fooramichi miira waloomaa fi gamtoominaa gama cimsuutiin gumaacha olaanaa qaba jedhan.

Fooramii magaalootaa tiyoophiyaa 9ffaarratti kaleessa xumuramerratti magaaloonni 150 ol kan hirmaatan yoo ta’u fooramiin magaalootaa 10ffaan magaalaa Samaraatti akka qophaa’u beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015