Nageenyi waaraan naannawasaaniitti akka bu’u qoodasaanii bahaa akka jiran abbootiin Gadaa ibsan

Guraandhala 15/2016(TOI)- Nageenyi waaraan naannawasaaniitti akka bu’u qoodasaanii bahaa akka jiran abbootiin Gadaa yaadasaanii TOI’f ibsan.

Abbaan Gadaa Tuulamaa duraanii Laggasaa Nagawoo bu’urri waan hundaa nageenya waan ta’eef hundi nageenya buusuuf hojjechuu akka qabu gorsaniiru.

Hojjetanii jijjiiramuun kan danda’amu nageenyi yoo jiraate waan ta’eef akka abbaa gadaa tokkootti abbootii amantaa fi jaarsolii biyyaa wliin ta’uun nageenyi naannawasaaniitti akka bu’u hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Abbaan Gadaa Tuulamaa kan biraanGirmaa Tasammaa yaada kennaniin mootummaan nageenya eegsisuuf hojii hojjetu abbootii Gadaa fi jaarsolii biyyaa waliin ta’uun deeggaraa akka jiran dubbataniiru.

Qonnaan bulaan akka qotu, oomishnii fi oomishtummaan akka guddatu namni hundi hundi naannawasaa eeguu qaba kan jdhan abbaa Gadaa Girmaan, gamasaaniitiin waan isaanirraa eegamu bahaa akka jiran ibsaniiru.

Abbaan Gadaa Tuulamaa fi abbaan Caffee Qumbii Baldaa gamasaaniin abbootiin Gadaa, Foolleewwanii fi haadholii Siinqee dabalatee kutaan hawaasaa hundi waan danda’uun hundaan nageenyaaf hojjechuu qaba jedhan.

Araara buusuuf hundi keenya hojjechuu qabna kan jedhan abbaa Gadaa Qumbii, waraanni biyyaa  misooma balleessa, dargaggoota, dubartootaa f daa’imman miidha jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015