Paarkiin Industirii Adaamaa guutummaatti dureeyyiin qabamuunsaas ibsame

Guraandhala 14/2016(TOI)-Sheedonni oomishaa 19 paarkii industirii Adaamaa keessatti argaman guutummaatti dureeyyii fikaampaaniiwwan omishaatiin qabamuusaanii hojii raawwachiisaa muummeen korporeeshinii misooma paarkiiwwan industirii Akliiluu Taaddasaa ibsan.

Hojii raawwachiisaan muummee kun qindeessaa barreessaa olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii doktar Raamiiz Alaakbaaroov waliin ta’uun kaampaaniiwwan oomishaa paarkii industirii Adaamaatti argaman akkasumas sochii wayitaawaa waliigalaa paarkichaa daawwataniiru.

Hojii raawwachiisaa muummee Akliiluun wayita kana akka ibanitti, sheedoonni oomishaa 19 paarkii industirichaa keessatti argaman guutummaatti dureeyyii fi kaampaaniiwwan biyya alaa fi biyya keessaan qabamuusaanii akkasumas lammiilee kuma 7 oliif carraan hojii uumamuu dubbataniiru.

Yeroo ammaa paarkichi dureeyyii biyya alaa fi biyya keessaa invast gochuu barbaadaniif lafa misoome heektaara 2 ta’u qopheessuusaa hojii raawwachiisaan muummee ibsaniiru.

Hojiileen riifoormii korporeeshinichi waggaa tokko keessatti hojjete bu’aa argameef qooda olaanaa akka qaban eerameera.

Sheedonni kunneen kaampaaniiwwan biyya keessaa akkasumas oomishtoota biyyoota Noorweey, Chaayinaa, Hindi, Ameerikaa fi biyyoota addaddaarraa dhufaniin qabamuu beekameera.

Baatilee jaha darban paarkicha keessatti oomishaalen bakka bu’aman doolaara miiliyoona 20 caalu oomishamuusaa, walitti hidhamiinsi gabaa doolaara miiliyoona 18 ol uumamuusaa odeeffannoon fuula marsariitii korporeeshinicharraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015