Hojiileen dippilomaasii faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisan hojjetamaniiru-ministeera dhimma alaa

Guraandhala 14/2016(TOI)-Hojiileen dippilomaasii faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisan yaa’ii gamtaa Afriikaa 37ffaarratti hojjetamamuusaanii ministeerri dhimma alaa ibse.

Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar doktar Mallas Alam ibsa torbee taasisaniin, yaa’ii hooggantoota Afriikaan cinaatti  biyyoota addaddaa waliin mariileen hariiroo gamlamee cimsan taasifamuu kaasaniiru.

Yaas’ichan cinaatti waliigalteewwan Angoolaa, Afriikaa Kibbaa waliin mallatteeffaman milkaa’ina guddaa ta’uu eeranii, Torbee dippilomaasiin Itiyoophiyaasadarkaa guddaatti mul’atedha jedhan.

Michooma seena qabeessa kan qabdu Zimbaabuwee waliin mariin bu’a qabeessi taasifamuu ibsanii, qonnaa fi dameelee biroorratti waliin hojjechuuf waliigalteerra gahamuu ibsaniiru.

Gama biraatiin Itiyoophiyaa fi Keemiyaa ummata akka maatiitti wal ilaalan walgahiin komishinii waloo adeemsifamuu eeranii, biyyoonni lamaan dameelee sadiin waliigaltee taasisuusaanii eeran.

Waliigaltichigama tuurizimii, aadaa fi ispoortii, eegumsa beellada bosonaa, misooma qurxummii,peetirrliyeemii fi tajaajila mana sirreessaa, fisiviil sarviisii gabbisa dandeettiin waliin hojjechuuf kan dandessisudha.

Dhimmi Viizaa waliigaltee taasifaan keessaa ta’uu eeranii,waliigalteen Viizaa bilisaa bara 1958 jalqabee taasifame karaa tajaajila elekirooniiksii akka ta’u keessa deebi’amuusaa kaasaniiru.

Kun ammoo michooma bara dheeraaf ture sadarkaa olaanaatti akka guddisu ibsdaniitru.

Marii biyyoota Afriikaa biro waliin taasifameenis biyyoonni kunneen jidugaleessummaa dippilomaasi Itiyoophiyaa akka cimu fedhii agarsiisuusaanii fi embaasiisaanii cimsuuf murteessuusaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015