Tajaajilli Kuusaa galmee fi mana kitaabaa Itiyoophiyaa gamoo galmee ijaarsise Sanbata dhufu eebbisiisa

Guraandhala 14/2016(TOI)- Tajaajilli Kuusaa galmee fi mana kitaabaa Itiyoophiyaa gamoo galmee abbaa darbii 17 ijaarsise Sanbata dhufu akka eebbisiisu beeksise.

Tajaajilichi ayyaana hundeeffamaa waggaa 80ffaa fi eebba gamoo galmee ilaalchisuun ibsa gaazexeessummaa kenneera.

Daarektarri olaanaa tajaajilichaa obbo Yikunoo’amlaak Mazgabuu wayita kana akka jedhanitti, tajaajilichi kuusaawwan qabeenya beekumsaa kan itti sassaabaman,kan itti qindaa’anii fi qaqqabaa kan itti ta’anidha.

Tajaajilichi namoonni adeemsa hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa Iiyoophiyaa keessatti ashaaraa kaa’anii darban keessaa maddan akka ta’e dubbataniiru.

Dhaabbatichi yeroo yeroontajaajilasaa fooyyessuuf hojjechaa akka jiru eeranii, baay’inni fayyadamtootaa yeroo yeroon dabalaa dhufuusaa eeraniiru.

Kana tilmaama keewsa galchuun gamoo abbaa darbii 17 ijaaree Sanbata dhufu akka eebbisiisu dubbataniiru.

Ijaarsa kanaaf birriin miiliyoona 700 mootummaarraa baasii taasifamuu kaasaniiru.

Tajaajilli kuusaa galmee fi mana kitaabaa Itiyoophiyaa bara 1936 ture Wamazakkir mana kitaabaa ummataa ta’uun kan hundeeffame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015