Konkolaataan ummata fe’ee Mattuurraa gara Gaambbeellaa deemaa ture balaa tiraafikaa kaleessa irra gaheen lubbuun namoota toorbaa darbuun ibsame

Guraandhala 14/2016 (TOI)- Konkolaataan ummata fe’ee Mattuurraa gara Gaambbeellaa deemaa ture balaa tiraafikaa kaleessa irra gaheen lubbuun namoota toorbaa darbuusaa fi namoota 11 irra miidhaan qaqqabuusaa koomishiniin poolisii naannoo Gaambeellaa beeksise.

Komishinii poolisii Gaambeellaatti qindeessaan damee qorataa balaa tiraafikaa daandiirraa Inispeektar olaanaa Piiter Uboong har’a TOItti akka himahitti, miidhaan kun kaleessa sa’aatii booda qaqqabe.

Konkolaataan Haayiroof jedhamuun beekamu kun namoota 18 fe’ee Mattuurraa gara magaalaa Gaambeellaatti imalaa kan ture yoo ta’u, naannawa ganda Boongaa jedhamu wayita gahu balaan kun qaqqabeera.

Balaa kanaa namoonni 7 wayita darbu namoota 11 irra ammoo balaan cimaa fi salphaa qaqqabuusaa inispeektar Piiter dubbataniiru.

Namoota lubbuunsaanii darbe keessaa dhirsaa fi niitiin akka argaman eeraniiru.

Reeffi namootaa maatiif kennamuu eeranii, kanneen miidhaanirra gahe Hoospitaala waliigalaa Gaambeellaatti waldhaansi taasifamaafii akka jiru ibsaniiru.

Balaan kun kan qaqqabe si’aayinaan deemaa osoo jiru gommaan duubaa dhohuusaatiin ta’uu inispeektar olaanaa Piiter ibsanii, konkolaachiftoonni nageenya konkolaataasaanii ilaaluu akka qaban gorsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015