Konfaransiin tumsa dinagdee naannolee Affaar, Amaaraa fi Tigraay jidduu jiru cimsuuf kaayyeffate Samaraatti taa’amaa jira - ENA Afaan Oromoo
Konfaransiin tumsa dinagdee naannolee Affaar, Amaaraa fi Tigraay jidduu jiru cimsuuf kaayyeffate Samaraatti taa’amaa jira
Guraandhala 14/2016 (TOI) - Konfaransiin tumsa dinagdee naannolee Affaar, Amaaraa fi Tigraay jidduu jiru cimsuuf kaayyeffate Samaraatti taa’amaa jira.
Mani maree waldaalee damee daldalaa naannolee sadanirraa dhufan, qaamoleen waldaalee daldaltootaa fi damee dhuunfaarraa dhufan konfaransicharratti hirmaachaa jiru.
Kaayyoon konfarantichaa rakkoo yeroo darbe iddoowwan ollaa naannoleetti uumamee tureen sochii daldalaa qabbanaa’ee ture bakkatti deebisuuf yoo ta’u, sektarri daldala dhuunfaas hojjechuu akka danda’u kan kaayyeffatedha.
Ministeerri nageenyaa, manni maree waldaalee damee daldalaa Affaarii fi dhaabbileen tola ooltotaa damee kanarratti hojjetan saganticha tumsaan akka qopheessan beekameera.
Bakka bu’oonni ministeera nageenyaa fi ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa akkasumas biiroon daldalaa fi misooma industirii naannoo Affaar fi ittigaafatamtoonni biiroo tuuriimii naannichaa konfaransicharratti hirmaachaa jiru.