Hojiileen misooma fi eegumsa qabenya uumamaa naannoo Oromiyaatti jijjiirama idaniiru- Biiroo qonnaa

238

Guraandhala 13/2016 (TOI) - Hojiileen misooma fi eegumsa qabenya uumamaa naannoo Oromiyaatti xiyyeeffannaan hojjetamuusaatiin fayyadama dinagdee ummataa mirkaneessaa dhufuusaa ittigaafatamaan waajjira qonnaa naannichaa obbo Geetuu Gammachuu dubbatan.

Ittigaafatamaan waajjira qonnaa naannichaa obbo Geetuu Gammachuu hojiilee misooma sululaa godina Harargee Bahaa aanaa Guraawwaatti hojjetamaa jiran ilaalaniiru.

Obbo Geetuun ayita kanatti akka jedhanitti, hojiileen misooma sulula naannichaa bal’ina lafaa fi baay’ina ummata hirmaatuun wggaa wggaatti guddachaa dhufeera.

Ummanni wayitii bodaa lafa qullaatti hafe misoomsuun oomishaa fi oomishtummaan dabalaa dhufeera, itti fayyadamnisaas guddachaa dhufuu ibsaniiru.

Dargaggoonni sululoota misoomanirratti carraa hojii argachuun misooma dammaa, kuduraa fi muduraa misoomsuu, loon gabbisuu fi hojiilee birootiin fayyadamaa ta’uusaanii himaniiru.

Wayitii bonaa baranaatiin naannichatti hojiin egumsa biyyoo fi bishaanii kiiloomeetira miiliyoona 1 tuqaa 2f gargaaran hojiileen hidhaa fi istiraakcharii hojjetamaa akka jiran obbo Geetuun eeraniiru, amma ammaattis kiiloomeetirri kuma 500 ol raawwatamuu dubbataniiru.

Ministeera qonnaatti gaggeessaa hojii raawwachiisaan  ittifayyadama eegumsaa fi kunuunsaqabeenya uumamaa obbo Faanosee Mokonnin akka jedhanitti, mootummaan naannichaa boqonnqq qophiirraa amma hojmaataatti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii godina Harargee Bahaa aanaa Guraawwaatti hojjetaman xiyyeeffannoo kennmee  kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru.

Bara kana Godinichatti gandoota godinichaa 583 keessatti  sululoonni 477 misooma jiru jedhan bulchaan itti aanaa goinichaa obbo Ayyaaloo Takkalaa.

Hojiileen misooma sululaa waggoota darban godinichatti hojjetaman misooma naannichaa fi bishaan lafa keessaf gumaacha taasisuusaa ibsaniiru.

Jiraataan aanaa Guraawwaa ganda Laaftoo Sommooloo obbo Lewaadiin Shariif akka jedhanitti, hojii Kanaan madden bishaanii deebi’uusaaniitiin oomishnii fi oomishtummaansaanii guddateera.

Baranas hojii kana cimsanii hojii qindoominaa hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Bakka bu’oonni ministeera qonnaa, ittigaafatamaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu fi miseensonni hooggansaa biirichaa addaddaa, hooggantoonni godinaa fi aanaa misooma sululaa aanaa Guraawwaa gaara Alqaasilirratti hojjetame daawwataniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015