Godina Wallaggaa Lixaatti lafti heektaara kuma 97 Qamadii jallisii Boneetiin misoomera

Guraandhala 12/2016 (TOI)- Godina Wallaggaa Lixaatti lafti heektaarri kuma 97 Qamadii jallisii Boneetiin misoomuusaa waajjirri qonnaa godinichaa beksise.

Ittigaafatamaan waajjira qonnaa goinichaa obbo Fayyisaa Hambisaa, godinichatti Qamadii jallisii boneetiin wabii nyaataa mirkaneessuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Bara kana wayitii bonaa lafa heektara kuma 92 jallisii boneetiin misoomsuuf kroorfamee lafa heektaara kuma 97 misoomsuun danda’ameera jedhaniiru.

Misoomni kun mala qonnaa kilaastaraa fi የteeknooloojiin kan deeggarame yoo ta’u, deeggarsii fi hordoffiin ogeessotaa cimaa akka ture ibsaniiru.

Qonna kanarraa oomishni kuntaalamiiliyoona 2 tuqaa 2 akka eegamu eeraniiru.

Deeggarsaa fi hordoffii ogeessota qonnaatiin deeggaramuun lafa heektaara walakkaarratti kilastaraan qamadii misoomsuusaanii kan dubbatan qonnaan bulaa aanaa Gimbii Iddoosaa Daaqaati.

Kanarraas oomisha kuntaala 15 akka eegan dubbataniiru.

Qonnaan bulaan aanaa Boojjii Dirmajii Taasisaa Lijaalem gamasaaniin lafa heektaara ruubiirratti jallisii boneetiin Qamadii misoomsuusaanii dubbataniiru.

Midhaan faca’e dhaabbii gaariirra akka jiru dubbatanii oomisha kuntaala 8 amma 10 akka argatan abdii qabu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015