Akkaadaamiin Poolisii Finfinnee, Poolisoota qorannoo yakkaa fi qorannoo balaa tiraafikaarratti leenjisaa ture eebbisiise - ENA Afaan Oromoo
Akkaadaamiin Poolisii Finfinnee, Poolisoota qorannoo yakkaa fi qorannoo balaa tiraafikaarratti leenjisaa ture eebbisiise
Gurraandhala 2/2016(TOI) - Akkaadaamiin Poolisii Finfinnee marsaa 12ffaaf Poolisoota qorannoo yakkaa fi balaa tiraafikaarratti leenjisaa ture eebbisiise
Sagantaa kanarratti Komishinaarri komishiinii Poolisii Finfinnee Geetuu Arraggaa, itti aanaa komishinaraa fi hoggantoonni Akkaadaamiicha argamaniiru.
Haaluma kanaan guyyaa har'aa leenjitoonni 324 manajimentiin akkaadaamichaan mirkanaa'uun poolisoota qorannoo yakkaa ta'uun eebbifamaniru.
Leenjitoonni yeroo leenji'aaturanitti beekumsaa gahaa fi leenjii gahumsa qaamaa gahaa argachuu himameera.
Daarektarri Akkaadaamii Poolisii Magaalaa Finfinnee, Gargaaraa Komishinaraa Mokonnin Ashaagree akka jedhanitti, ogummaan poolisii ogummaa hawaasaaf of kennanii hojjetan waan ta'eef poolisoonni har'a qorannoo yakkaa irratti leenjii gahuumsaa fudhachuun eebbifaman hawaasa isaanii haqummaan akka tajaajilaniif dhaamaniiru.
Komishinarri Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argawu, eebbifamtoonni yakka ittisuuf olaantummaa seeraa mirkaneessuun itti quufiinsa hawaasaa dabaluuf ergama itti kenname raawwachuuf of qopheessuu akka qaban himan.