Tamsaasa Kallatti:

Waltajjiin marii Gamtaan Afrikaa fi Gamtaa Awurooppaa Finfinneetti geggeeffama jira.

Waltajjiin marii Gamtaan Afrikaa fi Gamtaa Awurooppaa Finfinneetti geggeeffama jira.

Amajjii 27/2016(TOI) -Waltajjiin marii Gamtaan Afrikaa fi Gamtaa Awurooppaa waldeeggarsa damee fayyaarratti qaban cimsuurratti xiyyeeffatee Finfinneetti geggeeffama jira.

Marii kanarratti Komishiinii Gamtaa Afrikaatti komishiinarri Fayyaa, misooma dhimma namoomaa fi hawaasummaa Minaataa Samaatee Sesumaa fi Gamataa Awuroppaatti Komishinarri fayyaa fi nageenya nyaataa Isteelaa Kiryaakiis argamaniiru.

Dabalataan hoggantoonni Jiddugallii to'annoo fi Ittisa dhibee Afrikaa (CDC Africa), Deeggarsa misoomaa Beeljiyeem fi bakka bu'oonni biyyoota gamtaa Afrikaa fi Awurooppaa hirmaataniiru.

Maricha kan qopheessaa Gamtaa Afrikaatti komishiinii fayyaa, dhimma namoomaa fi misooma hawaasummaa fi Gamtaa Awuroophati jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015