Tamsaasa Kallatti:

Af-yaa'iin mana maree bakka bu'oota uummataa fi miseensoonni mana marichaa godahambaa injifannoo Aduwaa daawwatan

Amajjii 27/2016(TOI) - Af-yaa'iin mana maree bakka bu'oota uummataa fi miseensoonni mana marichaa godahambaa injifannoo Aduwaa daawwatan

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii qoodaniin ''Af-yaa'ii mana maree bakka bu'oota uummataa fi miseensoota mana marichaa godahambaa injifannoo Aduwaa daawwachiifneera'' jedhaniiru.

Godahambaan injifannoo Aduwaa fakkeenya waliin jireenyaa Itoophiyaanootaa, tokkummaa fi injifannoo kan ta'e caba seenaa Aduwaa kan suphuu fi dhalootatti kan dabarsu ta'ee kan ijaaramuu isaa miseensoota mana marichaaf ibsineera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015