Atileetoonni Itoophiyaa dorgommii atileetiksii kaleessa Boostenitti dorgomame injifatan

270

Atileetoonni Itoophiyaa dorgommii atileetiksii kaleessa Boostenitti dorgomame injifatan

Amajjii 27/5/2016 (TOI) - Atileetoonni Itoophiyaa dorgommii atileetiksii kaleessa Boostenitti dorgomame injifatan

Dorgommii meetira kuma 3 taasifameen atileet Lammeechaa Girmaa daqiiqaa 7 sakondii 29 fi maakiroo sakandii 09 xumuruun sadarkaa 1ffaan injifateera.

Dorgommii meetira 1500 immoo atileet Gudaaf Tsagaay daqiiqaa 3 , sekondii 58 fi maakiroo sakandii 11 sadarkaa 1ffaan yoo injifattu atileet Birqee Hayaaloom daqiiqaa 3 sakondii 58 fi makiroo sakandii 43 sadarkaa lammaaffaan injifateetti.

Dogommii meetira kuma 3 dubartoota jidduutti taasifameen atileet Malkinaat Wudduu 3ffaa, atileet Madiinaa Isaa 4ffaa , atileet Sannayit Geetaachoo 5ffaa, atileet Aynaaddis Mabiraatuu 6ffaa fi atileet Faanaayee Balaayinee sadarkaa 12ffaan dorgommicha xumuraniiru.

Dorgommii meetiraa 1500 dhiiraan atileet Yohaannis Asmaaree 8ffaa, atileet Saamu'eel Zallaqaa sadarkaa 10ffaan yoo xumuran fageenya kana dubartootaan atileet Ayyaal Daanyaachoo sadarkaa 10ffaan xumurteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015