Doonii Guddittiin Abbaayi-2 yeroo jalqabaaf fe'isa Itoophiyaa qabattee Buufata Jibuutii geesse - ENA Afaan Oromoo
Doonii Guddittiin Abbaayi-2 yeroo jalqabaaf fe'isa Itoophiyaa qabattee Buufata Jibuutii geesse

Amajjii 24/ 2016(TOI) - Doonii guddinaafi gosa isheen kan jalqabaa taate Abbaayi-2 yeroo jalqabaaf fe'isa Itoophiyaa qabattee Buufata Jibuutii gahuu Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Itoophiyaa beeksise.
Abbaayi-2 alaabaa Itoophiyaan galmooftee ji'a Waxabajjii bara 2015 tajaajila erga eegaltee booda yeroo jalqabaaf fe'isa Itoophiyaa qabattee Jibuutii gahuu himameera.
Doonittiin xaa'oo NPSfi NPSB meetirik toonii kuma 60 Morookoo buufata Jorf Laasfer irraa kan fe'atte.